Lyrics

Shaggarii gubbaa mamarmaaree Shaggiituu Jiddaafan maradhee Shaggarii gubbaa mamarmaaree Shaggiituu Jiddaafan maradhee Shaggarii ulaan shan banaadha (banaadha) Essarraan ba'een si barbaada (barbaada) Faana kee arguun na dhamaase (dhamaase) Karri baayy'achuun na qormaate (qormaate) Bareedduu qal'oo masaakulaa Kolfituun naatoo nyaara kuula Mil'uu tokkichatiin na laaltee Budaan jaalalaatu na nyaate Hiriyaa gaafannaan maqaa ishee Badhaadha naan jette abbaan ishee (magaallina ishee) Hidhannoo jaalalaa guuttattee Qalbii too boojitee guugatte (magaallina ishee) Biliille mormi Bilillee taakkuu guuta safarrisaa Qalbi fuudha bareednisaa Akkuma addeessa dukkana keessa Ijja isheetu ifa-biifaa jaalalatu irraa tiifa Namnillee namni tokkollee Miira koo naaf hin hubannee Olmaa ishees natti hin dubbannee Salaalee keessaa Barraakkoo keessaa Mogormoo Bachoon of geessa Jaalaltoo lafa naannessaa Boora fardakoon Gaala hidheen faanakee dhahaa Kutee Kuyyuufi Qarree Gohaa Koo galaan dhume Asan jira kottu naan jedhi Dagamirraan gara kee loha Yaa magaala koo Darroo bu'uu bu'e dhuuguumaa Ijatu siyyuu hin agarreef malee Dimbilaala koo Si yaadullee du'e dhugumaa Iyyat' Tulluu hin dabarreef malee Mucayyoo qal'oo Warra Kuraa Jiddaa Mul'adhu maaloo (jaalala maal' didda) Mutuluu Rayyaa ayyaana abbaa keetii Nu Tulluu Yaayyaa (Warra Gullalleeti) Hariiro dhaqee qe'ee Warra Jaarsoo Jaarsan ergadha (natti himimee teesso) Adalgee gubbaa ee badhaaneet iyyaa An dhabee ijaaf (way magaallee tiyyaa) Mallattoon himadha, maaloo naaf birmadhaa Kottaa na gargaara, barbaaduma ishee (barbaaduma ishee) Kanshee mallattoonii, miidhagdudha adda Jaalalaa biftishee, tumaadha irgishee (barbaaduma ishee) Boontuudha koortudha, akkuma abbaa isheeti Nyaararra jabaattii, migira mudhiinii (barbaaduma ishee) Wallaalchisa hin qabdu, ijuu irra in dabartu Argitan ni bartu, burree shinshinnee (barbaaduma ishee) Kottee farda kooti Yaadaan kutee darbee Ija keen barbaada shaggee Ayyaanomee utuuman si argee Maaloo naaf owwaadhu Jiruuf suman gaada Lubbuufan si yaada shaggee Shaggee tiyya maaloo shaggee Arganii dhabuuni, akka dhukkubaati Gaabbii nama kaa'a, waliin nama dha'aa (barbaaduma ishee) Barbaadamuu barte, riphxe narraa hin dheessin Jooree si dhabuunkoo, xuurii sitti ta'aa (barbaaduma ishee) Kankoo si godhachuuf, ofitti murteesse Karra banaa dhiise, ergan ba'ee takkaa (barbaaduma ishee) Milli na qallattus, si argachuun murtoodha Of duuban mil'adhu, gara abbeetiin dhaqa (barbaaduma ishee) Hambaa dhibaayyuu burqaa Torban Ashee Hin jiru waayyuu (ejjetni faana kee) Xiixaa moo Ekkaa kamiin ol yaabbadhu Fixan waabeekaa (eenyu si gaafadhu) Dhibee jaalalaa iji ilaalee hin argu An siif dhibame (bara dhufee darbu) Nyamariin gama yoo darbes gamasuu Natti hiimi nan dhufa (an fayyee garasuu) Mucayyoo qal'oo Warra Kuraa Jiddaa Mul'adhu maaloo jaalala maal' didda Mutuluu Rayyaa ayyaana abbaa keetii Nu Tulluu Yaayyaa Warra Gullalleeti
Writer(s): Andualem Gosa Ag Lyrics powered by www.musixmatch.com
instagramSharePathic_arrow_out